banner
Home / Blog / Carraa baasuu kondomiiniyemii Finfinneetiin walqabatee mirgi himatamu dhabu qondaalaa mulqame
Blog

Carraa baasuu kondomiiniyemii Finfinneetiin walqabatee mirgi himatamu dhabu qondaalaa mulqame

Mar 26, 2023Mar 26, 2023

Madda suuraa, Mayor office of Addis Ababa

Miseensi Mana maree Magaalaa Finfinnee fi Itti gaafatamaan Biiroo Innooveeshiniifi Teeknolijii magaalattii, Dr Muluqan Haaftuu irraa mirgi himatamu dhabuu isaanii mulqame.

Manni Maree magaalaa Finfinnee mirga himatamu dhabu miseensa isaa kan mulqe haaluma gaaffii ministeera Haqaatiin dhiyaateef ta’un barameera.

Ministeerri Haqaa Dr Muuluuqan irraa dahoon seeraa qaban akka kaafamuuf kan gaafate, adeemsa carraa baasuu kondomiiniyemii magaalaa Finfinnee dhiheenya gaggefameen wal qabatee, malaamaltummaan shakkamuun to’annoo jala oolfamanii qorannoon akka irratti gaggeeffamu taasisuufidha.

Muluqan Haaftuu guyyoota lamaan dura itti gaafatamummaa isaanii irraa akka ka’an taasifamun isaanii ni yaadatama.

Manni Maree Bakka bu’oota Ummataafi manneen maree naannoolee hundi, miseensoonni isaanii yakkaan harkaafi harkatti qabaman malee akka hin to’atamneefi hin himatamneef dahoo seeraa qabu.

Labsiin chaartariin Bulchiinsa magaalaa Finfinnee boqannaan 4, miseensi mana marichaa kamuu yoo yakka raawwatu harkaafi harkatti yoo qabame malee hayyama mana marichaa malee to’atamuufi yakkaan himatamu akka hin dandeenye labsa.

Haata’u malee miseensi mana maree wayita yakkaan shakkamuutti mirga dahoo seeraa isaa kaasuuf manni marichaa murte dabarsu qabaata.

Afi-yaa’iin mana maree magaalichaa Aaddee Buzeenaa Abuqaariir xalayaa Ministeerri haqaa dhiyeessee mana marichaatti dhiyeessaniiru.

Dr Muluqan aangoofi itti gaaftaamummaa saanii haalaa itti fayyadamu dhabuun malaamaltummaan shakkamanii to’annoo jala oolfamuun qorannoo akka irratti gaggeffamuuf dahoo seraa qabana akka mulqamuuf gaafachu Afi-yaa’ittiin mana marichaatti himan.

Gaaffii kana hordofunis manni marichaa yaa’iisaa har’a gaggeeffamaa jiru irratti mirga himatamu dhabu miseensichaa kaaseera.

Adeemsa carraa baasuu kondomiiniyeemii magaalaa Finfinnee turban darbe keessa gaggeeffameen walqabate namoonni kun malaamaltummaan shakkamanii to’annoo jala oolfamusaanii ibsamun ni yaadatama.

Odeessaanoon sooftiweera carraan ittiin baafamu keessa galfamee ture kan qindaa’eedha jedhamee ture. Kanaan wal qabtees adeemsi carraa baasuu amanamummaa hin qabu jedhamuun carrichi gutummaatti haqamuunsaa ni yaadatama.

Kantiibaan Magaalattii Aaddee Adaanach Abeebee "waliin dha’uun teeknooloojii nu mudateera. Hoggansi gochicha hoggane wanbadheera.

Adeemsa Kanaan hanna manaa qofaa osoo hin taane fedhiin siyaasaas jiraachu ibsuun ni danda’ama’’ jechuun gochiichi kaayyoo siyaasaa qabaachu dubbatan.

Ittaanaan Ittigaafatamaan Biiroo Innoveshiinii fi iOdeeffannoo magaalattii Obbo Abrihaam Sarmoolloo, daareektarichi Mabiraatu Waldakiidaan, Daareektarri Odeeffannoofi Teeknolojii Manneenii Kumsaa Tolaa fi oggeessa sooftiweerii kan ta’an Haabtamu Kabbadaa, Yooseef Mulati, geetaachoo Bariihuun, Qaasiim Kadir, Sixootaawu Gizaachoo, Baayaliinyi Rattaa, Miikiiyaas Toleeraa guyyoota muraasaan dura to’annoo jala oolfamuu bulchinsichi beeksiisee ture.